Waa'ee gaaffii naannummaa ummata Walloo Mana Maree Federeeshiniif dhiyaate jedhame maal beekna?

naannoo ta'uu ummata Walloo Mana Maree Federeeshiniif kan dhiyeessan Koree Gaaffii Naannummaa Uummata Walloofii Paartii Dimokiraatawaa Ummattoota Wallooti.

Gaaffiin naannummaa ummattoota Walloo yeroo mootummaa cee'umsaarraa eegalee ka'aa turuu kan himan Walitti Qabaan Koree Gaaffii Naannummaa Uummata Walloo Obbo Dajanee G/Maaram, waggoota lamaa as koree hundeessuun gaafii isaanii bifa haaraan kaasuu akka eegalan himaniiru.

"Xalayaa qopheeffannee gaafii keenya karaa seera qabeessaatiin Mana Maree Naannoo Amaaraattiif erga galchinee waggaafii ji'a jaha ta'eera" jedhan.

Gama biraatiin "ummanni Walloo seenaa keessatti bulchiinsa mataasaa kan qabufii diinagdee guddaa kan sochoosu ture" kan jedhan immoo Pirezidaantiin Paartii Dimokiraatawaa Ummattoota Walloo Obbo Natsaannat Xaasaw dha.

Haa ta'u malee ummatichi naannoo Amaaraa jalatti buluu erga eegalee as mirgoonni ofiin ofbulchuufii misoomuuf qabu sarbamaa turuu himan.

Kanaafis paartiin isaanii gaafii naannummaa ummattoota Walloo gama Koree Gaafii Naannummaa Uummata Walloon ka'e deeggaruun koricha waliin hojjechaa akka jiran himaniiru.

Gama biraatiin gaafii bakka bu'ummaa koreen kuni qabu ilaalchisee kan gaafataman Obbo Dajaneen, "mallattoo uummata miliyoona tokkoo ol walitti qabnee harka keenyarra jira" jedhan.

Default video

Coommee ifa magariisaa hanga raammoo cuqulisa iftuu hawwata qalbii turistootaa booji'an

Awustiraaliyaa naannoo Ilaawaaraa jedhamu keessa yoo imaltan coommee ekeraa ifa kennan (ghost fungi) lubbuu qabeeyyii galaanaafi kaan dukkana keessatti calaqqisan argitu

Dukkana cillimii keessa fugugii gamaan urjiiwwan faca'antu mul'ata, kan argitan garuu samii miti, laga ciisaa raammoo ibsituu uffate malee.

Hojjetaan geejiba tuuristootaa Deeviid Fiinleey ''kuni TV kooti'' jedha. ''Waan falfalaa filmii Avaataar keessaa ilaaltu fakkaata.

Hojiisaa guyyuu gaafa xumuru halkan bosonaafi qarqara galaanaa Awustiraaliyaa keessa deemuun lubbuu qabeeyyii ifan kana barbaada. ''Mana kee callistee yoo teesse waan kana otoo hin argin hafta,'' jedha.

Lubbuu qabeeyyiin kunneen adeemsa keemikaalaa qaama isaanii keessatti uumamutu- moolakiyuulii luusiifeeriin, inzaayimii luusiifarsiifi oksijiinii walitti makamuun ifa akka keennan isaan taasisa.

Kunis wal-hormaata gaafa barbaadan of agarsiisuufi ykn diinarraa of eeguu fa'iif isaan fayyada.

Lubbuu qabeeyyii Baayoluminees jedhaman kunneen iddoowwan addunyaa gargaraa keessa jiru.

Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti kilaastaraa Gabbisa Loon Foonii

Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Kilaastara Loon Aannanii fi Gabbisa Loon Foonii.Kilaastarri Gabbisa fi Loon Aannanii bifa addaan dursee hojiirra oolchuun Magaalaan Dadar muuxannoo kan qoode yoo tahu akka Godina Harargee Bahaatti aanota baay’ee keeysattiis haala gaariin hojjatamee jira. Kan Magaalaa Dadar loon foonii dhaabbiilee gara garaaf dhihaachuun fi aannan itti fufiinsaan Magaalaa Dadar keeysatti hawaasaaf dhiyaachaa kan jiru tahuun adda taasisa.Bulchiinsi Magaalaa Dadar carraa hojii damee kanaan dargaggootaaf uumame caalmatti ol quddisuuf Kilaastara Loon Aannanii fi Gabbisa Loon Foonii babal'isaa kan jiruudha.

https://dederfrontpost._github-pages-challenge-dederfrontpost/dederfrontpost/I feel absolutely blessed. No matter what has happened, I still thank God for all of it

Deder Front Post

www.dederfrontpost.com_github-pages-challenge-dederfrontpost/deder_front_post/የደም ልገሳ ዘመቻው ላይ የዳዳር አጠቃላይ ሆስፒታል ሰራተኞች እና የጤና ባለሙያዎች በንቃት እየተሳተፉ ነው። ደም የሰው ልጅ ለሰው ልጅ ከሚሰጠው እጅግ ውድ ስጦታ ነው በገንዘብ ስለማይገዛ ትልቅ ትርጉም አለው። ደም ልገሳ የሌላውን ህይወት ለማዳን የሚያቀርበው ሰብአዊ ተግባር ነው። የሆስፒታሉ ሰራተኞችም ለዚህ በጎ ተግባር ያላቸውን ቁርጠኝነት ለማሳየት በየሦስት ወሩ ደም እየለገሱ ነው።  ከሆስፒታላችን ሰራተኞች መካከል የታወቁ መደበኛ ደም ለጋሾች እና የደም ባንክ አሉ።

የደም ለጋሾችን ቁጥር በመጨመር ይህንን የተባረከ ስራ ለማስቀጠል ሆስፒታላችን ትልቅ ስራ እየሰራ ነው።

የትም ብትሆኑ ደም በመለገስ ህይወትን ይታደጉ!

ደም መስጠት ህይወትን ማዳን ነው!

~dederfrontpostd87aaded814f167fa881cf945fc521~~~~

We use cookies to improve your experience and to help us understand how you use our site. Please refer to our cookie notice and privacy statement for more information regarding cookies and other third-party tracking that may be enabled.

Deder Front Post

© 2025 Deder Front Post

Facebook icon
Instagram icon
X icon
Email icon
LinkedIn icon
Intuit Mailchimp logo