Imran Mhmd Digital printing and advertising

Imran Mhmd

Deder Front Post

Awustiraaliyaa naannoo Ilaawaaraa jedhamu keessa yoo imaltan coommee ekeraa ifa kennan (ghost fungi) lubbuu qabeeyyii galaanaafi kaan dukkana keessatti calaqqisan argitu

Dukkana cillimii keessa fugugii gamaan urjiiwwan faca'antu mul'ata, kan argitan garuu samii miti, laga ciisaa raammoo ibsituu uffate malee.

Hojjetaan geejiba tuuristootaa Deeviid Fiinleey ''kuni TV kooti'' jedha. ''Waan falfalaa filmii Avaataar keessaa ilaaltu fakkaata.

Hojiisaa guyyuu gaafa xumuru halkan bosonaafi qarqara galaanaa Awustiraaliyaa keessa deemuun lubbuu qabeeyyii ifan kana barbaada. ''Mana kee callistee yoo teesse waan kana otoo hin argin hafta,'' jedha.

Lubbuu qabeeyyiin kunneen adeemsa keemikaalaa qaama isaanii keessatti uumamutu- moolakiyuulii luusiifeeriin, inzaayimii luusiifarsiifi oksijiinii walitti makamuun ifa akka keennan isaan taasisa.

Kunis wal-hormaata gaafa barbaadan of agarsiisuufi ykn diinarraa of eeguu fa'iif isaan fayyada.

Lubbuu qabeeyyii Baayoluminees jedhaman kunneen iddoowwan addunyaa gargaraa keessa jiru.

Imran Mhmd Printing

Use this space to add more details about your site, a customer quote, or to talk about important news.

Talk up your brand.

We use cookies to improve your experience and to help us understand how you use our site. Please refer to our cookie notice and privacy statement for more information regarding cookies and other third-party tracking that may be enabled.

Deder Front Post

© 2025 Deder Front Post

Facebook icon
Instagram icon
X icon
Email icon
LinkedIn icon
Intuit Mailchimp logo